Jijjiirraa Barsiisotaa ‼️
Guyyaa - 20/05/2018
Beeksisa
------------
Jijjiirraan Barsiisotaa Semisteera 1ffaa Bara 2018 kan Hinjirre Ta'uu Beeksisuu Ilaallata.
Jijjiirraan Barsiisotaa ganna bara 2017 moosaajitti fayyadamuun haqaafi bilisaan kan gaggeeffame ta'uun ni yaadatama.
Haata'u malee, jijjiirraa gannaatiin Manneen Barnootaa hedduu irraa barsiosotni sababa jijjiirraa argataniif, Manneen barnootaa barsiisotni irraa jijjiiraman hedduun barsiisaa bakka bu'u argachuuf hojjatamaa jira.
Kanaafuu, Manneen barnootaa hanqinni barsiisaa qunname qacarriin bakka buusaa kan jirru yoo ta'u, jijjiirraan barsiisotaa semisteera 1ffaa kan hin gaggeeffamne ta'uu hubachuun hanga Waxabajjii 2018tti obsaan akka eeggattan kabajaa waliin isin beeksifna.
BBO.

3January 28, 2026 3K 2 1