Yuunaayitid Isteetis Atileetota Itoophiyaa viisaa dhorkachuun gabaafame
Shaampiyoonaan atileetiksii qaxxaamura biyyaa Addunyaa bara 2026 Ameerikaatti gaggeeffamuuf wayita deemuu kanatti, Imbaasiin Ameerikaa Finfinneetti argamu atileetota Itoophiyaa 14 viisaa dhorkachuu, barruun Fiigicha Kanaadaa (letsrun.com) gabaaseera.
Barreessituun Waliigalaa Federeeshinii Atileetiksii Itoophiyaa (EAF) Amansiisaa Kabbadee Barruu ‘letsrun.com’tti akka himanitti, dhiironni umurii digdamaa gadii (U20) jaha, fi dubartoonni umurii digdamaa gadii (U20) afur, akkasumas atileetotni olaanoo afur iyyanni viizaa isaanii fudhatama dhabuu eeraniiru.
Kanaanis, Itoophiyaan shaampiyoonaa Tallahassee, Filooridaatti gaggeeffamuuf atileeti dhiiraa umurii digdamaa gadii, tokkoo fi atileetota dubartootaa umurii digdamaa gadii sadii qofa qabattee dorgommicha hirmaatti jedhameera.
Barruun Fiigicha Kanaadaa akka gabaasetti, imbaasiin Ameerikaa Finfinneetti argamu Atileetota Itoophiyaa 14 viisaa dhorkachuun, Atileet Ayyalee Sewunnetfi atileeti dubartoota sadii qofaaf viisaa imala gara Yuunaayitid Isteetis mirkaneesseera.
Kunis, seenaa Itoophiyaan Waggoota 44 oliif Shaampiyoonaa qaxxaamuraa biyyaa Addunyaa, kanaadatti geggeffamu irratti qabdu haalaan gadi buusa jedhamee sodaatameera.
Itoophiyaan waggoota 44’f walitti aansuun Shaampiyoonaa qaxxaamura biyyaa Addunyaa, (Cross Country) irratti meedaaliyaa argachaa kan turte yoo ta’u, yeroo ammaa garuu, atileetonni hedduun viizaa Yuunaayitid Isteetis dhoorkatamuun, kaayyoo Atileetota Itoophiyaa irratti gufuu ta’a jedhameera.
Kanaanis, Itoophiyaan dorgommii Shaampiyoonaa qaxxaamuraa biyyaa Addunyaa umurii digdamaa gadii, dhiiraafi dubartootaa irratti garee guutuu dhiyeessuu akka hin dandeenne nii taassisa jedhameera.
Gama Federeeshinii Atileetiksii Itoophiyaan, hanga ammaatti, sababiin dhorkii viisaa kun kan hin ibsamne yoo ta’u, iyyannoon viizaa Mudde 12 dhiyaatee, marsaa jalqabaa keessaa nama 34 keessaa 23 dhorkamanii, marsaa lammaffaa torbee muraasa booda immoo bu’aan wal -fakkaataan deebi’eera jedhame.
Dhorkiin viisaa Kun, Itoophiyaa dabalatee, Eertiraa Xaaliyaanii fi Jarman, gareewwan isaanii gara dorgommii kanaatti kan hin ergine keessaa ta’uun gabaafameera.
Itoophiyaan Shaampiyoonaa Qaxxaamura Biyyaa Addunyaa irratti waggoota 44 ‘f hirmaannaa jabaa fi bu’aa ol’aanaa galmeessuun kan beekamtu yoo ta’u, Kunis atileetiksiin Itoophiyaa seenaa addunyaa irratti bakka ol’aanaa akka qabaattu mirkaneessuun alaabaa biyyaa dorgommiiwwan idil-addunyaa irratti ol- kaasaa turuufi maqaa biyyattii waamsisaa turuun kan yaadatamudha.
Via: Addis Standard
@QarooPost
January 8, 2026 521