Murteen Maanchistar Yunaayitid deeggartoota isaa hin gammachiisne… — ODAA ISPOORTII — TG.ME

🟢Murteen Maanchistar Yunaayitid deeggartoota isaa hin gammachiisne ➡️Maanchistar Yunaayitid taphataa ittisaa sarara bitaa osoo hin mallatteessisin foddaan jijjiirraa taphattootaa cufamuun, deeggartoota kilabichaa hedduu hin gammachiisne. ➡️Yunaayitid bakka kana guutuuf Liwis Haal kan Niiwkaastil Yunaayitid filannoo isaa jalqabaa godhatee ture. Haa ta’u malee, jijjiirraa isaa milkeessuu hin dandeenye. Jijjiirraan kun waan hin milkoofneef, Luuk Shoow irratti dhiibbaa dabalataa akka uumu tilmaamama. ➡️Luuk Shoow bara darbe taphoota Piriimiyer Liigii hunda irratti jalqabaa irraa eegaluun taphachuun ga’umsa gaarii agarsiiseera. Garuu bara kana dandeettii fi sadarkaa walfakkaataa sana irra deebi’ee agarsiisa jedhamee hin eegamu. ➡️Shoow bara darbe ga’umsa gaarii agarsiisuu isaa keessaa tokko, Yunaayitid dorgommii Piriimiyer Liigii qofa irratti xiyyeeffatee waan tureef akka ta’e himama. Bara kana garuu Yunaayitid gara Shaampiyoonsii Liigii Awurooppaatti deebi’eera. Taphoonni baay’achuun, seenaa miidhamuu Shoow fi umurii isaa 33 ta'uu waliin yoo ilaalamu, taphoota hunda irratti taphachuu akka hin dandeenye tilmaamama. ➡️Akka gabaasa The Athletic'tti, leenjisaan Maanchistar Yunaayitid Maayikil Kaarik haala kana hubachuun, taphataa ittisaa sarara bitaa akka mallatteessan dhiibbaa godheera. Haa ta’u malee, Yunaayitid Liwis Haal yoo hin dhufne, taphataa ittisaa biraa mallatteessisuuf balbala isaa banuu hin barbaanne. ➡️Hoggantoonni kilabichaa, akkuma Kaarlos Baaleebaa irratti godhan, Liwis Haal mallatteessuuf yeroo foddaa jijjiirraa itti aanu keessatti deebi’anii yaaluuf karoora qabu. ➡️Yeroo ammaa kana, Luuk Shoow dabalatee Paatiik Doorguu, Nuuseer Maaziraawii fi Diyeegoo Daalloo bakka ittisaa sarara bitaa sana guutuu danda’u jedhameera. Akkasumas Liisaandiroo Maartineez fi Kaarlos Baaleebaan filannoo dabalataa ta’anii ilaalamu. ➡️Maanchistar Yunaayitid foddaa jijjiirraa taphattootaa halkan kaleessaa cufame keessatti, irra caalaa taphattoota sarara gidduu Andree Saantoos, Yuuri Tiilemaans, Kaarlos Baaleebaa fi karra eegaa Kaarl Daarloow mallatteessuun isaa ni yaadatama. 𝐒𝐇𝐀𝐑𝐄➡️ || @ODAAISPOORTII 𝐒𝐇𝐀𝐑𝐄➡️ || @ODAAISPOORTII

September 2, 2026 1.6K 2