Miliyoonaan kan lakkaawaman onneen isaanii fi miirri isaanii tapha… — Nashiida Mi'ooytuu™🎧 — TG.ME

“Miliyoonaan kan lakkaawaman onneen isaanii fi miirri isaanii tapha kubbaa miilaatiif yommuu sossohu, gama biraatiin immoo dhiphina fi rakkina dhiiga obboleyyan keenya kan dachii barakhaa qabduu keessa jiraatanii halkanii fi guyyaa dhiigni isaanii dhangala’uuf sossohuu dhabuun na dhukkubsa.

Tartiiba dhimmoota dursa kennamuufii qaban (priorities) wallaaluun, waan hamilee fi sammuu dhala namaa miidhu keessaa isa duraati.
Gaafa dardarri amantiin isa eeggattu ka ba’aan isarra jirtu waan xiqqoo tanaaf ja’ee if rakkise kuni ummata fuulduratti abdii hin qabne jachuutu namaaf mul’ata.

Nuti uummata injifannoon isaa bu'aa tapha kubbaatiin safaramuu miti.
Uummanni Tokko kabajaa fi guddinni isaa Tapha kubbaatiim hin ijaaramu, kabajaan ummata Tokkootiis murtee abbaa murtitiin hin laalamu.

Taphni deemu jiru ni dhuma.
Teessumni irra ta’anii tapha laalaniis ni duwwata..
Tvn kubbaa dabarsuus dhimma biraatti dabra..
Haa ta'u malee, dhugaan uummata keenyaa akkuma jirutti bifa isaa isa ulfaataa fi madaa isaa itti tuulamee jiruun bakkuma isaatti hafa; hawaasni Islaamaa kan nurraa eeggatu dammaqiinsa malee harka waliin dhawuu miti, hojii malee iyyeensaa miti, gootummaan dhugaatiis daqiiqa 90 keessatti hin murtooytu.
Yoo yeroo hunda bakkuma amata 5n dura teeysu teeysee kubbaa deeggara , kubbaaf yaadni kiyya malee hin tahu jattee lolte osoo hin beeyne “Sanama”Qureeyshiin maalif nu jalaa xuqama jattee loluufi turte ka akkasii jireenya kee keessatti uumteeti jirta jachuudha.
Maaltu zamana keenya kana “Sanama” namni Baaxiliin irraa lolu heddummeeyse..!
Dhaamsi kiyya “Sanama” kee caccabsi ,nama ifiif jijjirama uumu tahi malee nama jijjirama uumu qofaaf harka dhawaa hin oolin.

“Murtiin hundi duraa fi boodeeniis tan Rabbiiti.”


Join 👇
╭┈─────────
╰┈➤ @bishaara_4
July 8, 2026 456