Ichima Jaalalaa Barrin Asallaa ture sun yeroo reefu umril… — Dambalii Kitaabotaa PDF 📚 (HDL) — TG.ME

Ichima Jaalalaa Barrin Asallaa ture sun yeroo reefu umril dargaggummaa (teenage) eegalu waan tureef intala waliin barannu takkaan wal jaalanne. Ifatti waliin haasayuufi mul'achuun sodaachisaa waan tureef, dhoksaan qe'eerraa fagaannee wal agarra turre. Jaalalti dhoksaa tun garuu waan hedduuf na saaxilte. Gaafa tokko iddoo bashannanaa bosona qabu kan qe'ee ishiitiifi kiyya irraa fagoo tokko dhaqnee akkuma baala afannee gadi teenyeen dargaggeeyyiin dhufanii nu marsan. Ana bitaa mirgaan kaballaafi dhiitichoon na gaggabsanii, lammata ishii waliin mul'achuu mitii abjuunis akkan hin agarre na akeekkachiisan. Ishiis "maxxee / baqataa./ kana waliin maal goota?" jechaa kakkabalaa fuudhanii deemaniin. Booda yoon dhagayu ijoolleen sun eessumman ishiifi dhalattootuma magaalaa saniti. "Maxxee" jechuun yoo na arrabsan 'kana kan bakka dhufeefi hiddi irraa marge hin beekkamne' jechuu isaaniiti. Ani warri biyyatti barnootaa na ari'e akka na jala hin dhufneef eenyummaafi bakkan irraa dhufe namuttuu hin himun ture. Arsiin ammoo nama hidda dhalootaafi duubee isaa hin beeknetti intala hin kennu. Dargaggeeyyiin sunis intala isaanii harka nama hiddi hin beekamneetti akka hin kufneef ittisuu isaaniiti. Reebichaafi dallansuun firoota ishii garuu jaalala waliif qabnu jijiiruu hin dandeenye. Tooftaa bifa iccitiitiin itti wal arguu dandeenyu haarawa baafanne. Kanaafuu dukkana dahoo godhachuun akka wal agarru murteessine. Yeroo san soomni seenee waan tureef, yeroo maatiin salaata taraawiitiif bayan ishiifi obboleessa xiqqaa tokko qofaatu manatti hafa. Obboleessi sun akka hin himne mallaqa shankooraafi karameellaan bitatu kennineefii ishiin baatee gola mana isaaniitiin gadi jiru tokkotti wal arguun wal hammannee miilaan deemaa haasofa ture. Falli kun rakkoo lama horate. Kan duraa mucaan xiqqaan dura sumunii kennaafii turre guyyamarraa nutti dabalaa shilingii, xigqoo jedhee ammoo birrifi sanii olis gaafachuu eegale. Nuti sumuniifi shilingi sanuu yeroo maatiin sukkaaraafi zeeytii bitaa nuun jedhu irraa kutannee hambifanneeti malee mallaqa hin qabnu. Kanaafuu guyyaa tokko utaalaa gaafa mallaqa wahii arganne gurbaa sanii kennaa wal argaa deemne. Rakkoon kana daranii nu mudate. Galgala tokko akkuma gaafa biraa gola mukkeenii dukkanayaa san keessa wal hammanne osoo qaxxamuraa jirruu waraabeessi eessaa bahee isaa hin argin nu fuulduraa filgaa dhufee nu lamaan addaan facaasee nu jidduu dabre. Naasuun dugda nu kuttee nu lamaanuu karaa faallaa figicha itti ejjanne. Eega achii fignee osoo walitti hin deeblin ishiinis mana isaani anis keenyatti galle. Waraabessaaf jecha dheessuun kiyya 'dhiirummaa' koo waan hir'ise natti fakkaatee hedduu saalfadhee torban tokkoo oliif ija ishii arguu saalfadhe. Akka dur galgala arguu dhiisii mana barnootaattuu karaa ishiin irra deemtu yoon arge irraa goreen miliqaa ture. Booda dhokattee daguun na qabdee na jajjabeessitee hariiroo keenya itti fufne. Soomni erga bahee boodas dukkana daheeffachun wal arguu mala godhannee itti fufne. Bakka garuu ni jijiirre. Torbanitti guyyaa sadi galgala galgala suuqii kiyooskii mana isaaniitirraa haga meetira dhibba shanii fagaattee argamtu takkarraa aannan maatiif fuuti ture. Sa'aatii lama yoo ta'u akka baatu waliif galle. Ani dursee bahee karaarraa moggaatti maqee dukkanaan of dhoksee eega. Karaan ishiin irra dhuftu kallattiin hulaa isaanii agarsiisa. Kanaafuu yeroo isiin balbala bantee baatu waanin arguuf dukkana sanii bahee harka wal qabannee hanga kiyooskiitti dhiyaannu deemna. Warri kiyooskii akka nu hin agarreef jalaa hafeen yeroo ishiin aannan fuutee deebitu hanga mana isaaniitti dhihaannu nama ofirraa laalaa geggeessa. Haaluma kanaan jaalala ijoollummaa dhoksaan osoo geggeeffannuu, gaafa abaaramaa tokko salphinni natti bu'e. Akkuma yeroo maraa dukkana keessa dhaabannee balbala warra isaaniitti ija dhaabee hanga banamee ishiin baatu eegaa jira. Balballi banamee yoo as qajeeltu akkuma dur simachuuf karaatti achi bahee hammadhee dhungachuuf yoo jedhu "uu'uu" jettee iyyuun ofirraa darbitee doobbii keessa na buufte.

❤28😁7👍4
July 12, 2026 12.4K 12