Hir’ina vaayitaamin A: mallattoo fi furmaata! ********* MALLATTOO ■ Iji ofii halkan arguu dhabuu. ■ Iji ofii imimmaan dhabee goguu. ■ Qaamni ofii dhukkuba ittisuu dadhabuun infekshinoota adda addaan amma ammaa qabamuu. ■ Gogaa irratti mallattoon adda addaa ba'uu ■ Lafeen seeraan guddachuu dadhabuu. ************ KA'UMSA ■ Sooratawwan vaayitaminii kanaan badhaadhoo ta’an nyaachuu dhabuu. ■ Dhukkuboota addaa addaa, kanneen xuuxama soorataa hir'isan ■ Hir'ina nyaataa kanneen biraa akka hir'ina pirootiinii fi ayirenii illee hir'ina viitamin A ni fidu. ************ FURMAATA ■ Nyaatonni vaayitaamin A dhaan badhaadhoo ta’an soorachuu (Kaarota, dinnicha mi'ooftuu, hanqaaquu, fuduraalee fi muduraalee halluu keelloo fi burtukaanaa qaban, fudduraalee baalatti baat'atan akka salaaxaa fi raafuu) ■ Mana yaalaa deemuun vaayitaminii kana bifa qorichaan fudhachuu. Keessumaa daa'imman vaayitamina kana argachuu qabu. ****** Fayyaan Faaya
Hir’ina vaayitaamin A: mallattoo fi furmaata! ********* MALLATTOO ■… — Hospitaala Kompireensiivii Ispeeshaalaayizdii Yuunivarsiitii Wallaggaa — TG.ME
December 16, 2024 1.6K 1