Akkamiin siif ibsuu Jaalala na keessaa Halkan nan raffisu Guyyaa na… — Qaroo Waamaraa — TG.ME

Akkamiin siif ibsuu
Jaalala na keessaa
Halkan nan raffisu
Guyyaa na joonjessa
       
Ganama haaraadha
Galgalas nii dhufa
Yoon waa'eekee yaadu
Dunuunfadheen kufa
        
Warqittii siin jedhee
Jedhee kakadheera
Nyaataaf dhugaatiikoo
Hunda dagadheera
      
Hagabuun tiradha
Silaa maras dhiise
Garaa na hooksisa
Halkan gaafan ciise
     
Maal jetta Warqittii
Anoo siif gaggabee
Ammayyuu nan ciisa
Adeemuu dadhabee

Utuu si arguu qabuu
Si arguus dadhabee
Si barbaachan joora
Erga sirraa na qabee
...

💎koo
╔════════════╗
#Qaroo_Waamaraa  💌
╚════════════╝
https://t.me/ForAllthingsEye
❤5🔥2🥰1🏆1
September 3, 2026 370 8