Amboo❤️ Walgeettii Maccaaf Tuulamaa- Qeyee Oromoo guutuun safeeffatu… — 𝐅𝐢𝐧𝐟𝐢𝐧𝐧𝐞𝐞 𝐏𝐫𝐞𝐬𝐬 — TG.ME

#Amboo❤️

Walgeettii Maccaaf Tuulamaa- Qeyee Oromoo guutuun safeeffatu. Qeyee Liibaan Maccaa fi Qeyee Tuulamtichaa!

Burqaa goototaa fi hayyootaa- abdaarii ayyaantuwwanii Warra ulfoo laftii fi samiin rifattuuf

Hambaa lafee goototaa- icciitii qabsaawotaa qaalii- Warra hin sobne- warra hin fakkeessine

Qaanqee bilisummaa - Warra ganamaa, Warra Mogoritti xomboraa bilisummaa qabsiise

Warra bilisummaa Oromoof dursee owwaatu, warra gabrummaa fi gabroomuu garmalee tuffatu

Warra lubbuu ofii hin sassanne, warra of caalaa Oromoo jaalate, saba isaaf gatii qaalii kanfale

Warra firaaf gaachanaa, warra qareeyyiif ammoo ayyaanaa-

Warra aanteef dhukkubsatu- warra diina irratti laboobu

Amboo galaana qabsaawotaa, warra ormillee itti irreeffatu

Warra dikshinarii Bilisummaa dhiigaan barreesse,
Warra Waaqnuu jaalalaa fi kabaja Oromoo guututti adaraa itti kennate,

Warra koompasii tokkummaa Oromoo baatee deemu

Amboo!

Ummata akka itti callisan beeku
Ummata gaafa dubbatu beeku
Ummata bakkaa fi akka itti dhaadatu beeku
Ummata firaaf jedhee miidhama isaa dhokfatee kokkolfee jiraatu

Warra garraamummaa isaanii ilaalee Waaqnillee itti raajamu- Garraamicha Ilma Waaqaa!

Warra kanatu warra keenya- warra kanatu aantee keenya. Isaantu haadhoo keenya!

Namaa ol, lafaa ol- nuuf taateetta, nuuf tolteettas Ammas nuuf ooli!

Amboo💔🖤

Via,📍 © Merid Tullu ✍️
September 9, 2026 416 1