Oduu_Addaatin‼️ Jeneraalonni olaanon mootummaa Itiyoophiyaa… — Fana kessa bekaa ፋና የውስጥ አዋቂ Fana insider — TG.ME

#Oduu_Addaatin‼️

Jeneraalonni olaanon mootummaa Itiyoophiyaa Ambaassadarummaa guutun biyyoota adda addaatti waggoota shaniin dura ramadaman ergama isaanii xumuruun gara biyyaatti deebi'aniiru.

Haaluma kanaan:-
1.Jeneraal-Baacaa Dabalee:-keeniyaatti Ambaassadara guutuu ta'uun waggoota shan dura ramadame.
2.Jeneraal Aadam Muhammad:-Turkiyyeetti Ambaassadara guutuu Itiyoophiyaa.
3.Jeneraal Hasan Ibrahim:-Gibxiitti Ambaassadara guutuu Itiyoophiyaa ta'uun ramadamaniiru.

Dabalataan immoo qondaalota dippiloomaasii jajjaboo biyyaa kan turan Ambaassadar Suleeyman Daddafoo Somaaliyaatti Ambaassadara guutuu kan ture turtii waggoota lamaa qofa keessatti gara biyyaatti akka deebi'an taasifameera.

Qondaalonni waraana fi dippiloomaasii gara biyyaatti deebi'uun waa lamaaf jechuun raagame:-
1ffaa.Ijaarsa mootummaa haarawa keessatti sirna dippiloomaasii keessumaa kan biyyoota galoo galaana cimsuuf hooggantoota jajjaboo ramaduuf ta'uu mala.
2ffaa.Haala ji'o politiksiin biyyi keenya yeroo ammaa keessa jirtu gara waraanatti geessu danda'u olaantummaan goolabuuf qondaalota waraana muuxannoo yeroo dheeraa fi ogummaa cimaa waraana keessumaa kaaba Itiyoophiyaa keessa turanitti fayyadamuuf kanneen jedhu xiinxalameera.

Garuu mootummaan Itiyoophiyaa qondaalota waraana fi dippiloomaasii waan yaamef hanga ammaatti turtii xumuruun alatti hin ibsine.
❤2
August 31, 2026 136