Fana kessa bekaa ፋና የውስጥ አዋቂ Fana insider: post #24152 — TG.ME

Har'a karoora marii bulchiinsa magaalaa keenyaa waggoota shanan itti aanuu fi bara baajataa 2019 bakka hooggantoonni magaalaa keenyaa hundi argamanitti eegalchiifneerra.

Filannoo biyyoolessaa marsaa jahaffaatiin itti gaafatamummaa uummanni keenya nutti kenne ka'umsa kan godhate karoora tarsiimawaa qabannee waadaa keenya gochaan lakkoofnee raawwannee uummanni magaalaa keenyaa fayyadamaa akka ta'u akkasumas magaalaa keenya ammoo dorgomtuu akka taatu taasifneerra.

Kanuma ka'umsa godhachuun jiraataan magaalaa keenyaa amantaa qabaatee deebi'ee nu filatee itti gaafatamummaa nutti kenneera. Mariin har'aas amantaa jiraataan magaalaa keenyaa nurratti gatee fi itti gaafatamummaa nutti kenne ka'umsa kan godhate; waggoota shanan itti aanuu fi bara baajataa 2019 galmoota karoora bal'inaa irratti mari'annee wal hubachuun raawwii waggoota shanan darbanii dachaan guddisuuf waltajjii qophaa'ummaa keenya itti mirkaneessinudha.

Mariiwwan bal'inaa kanneen yeroo taasifnu aadaa keenya 24/7 raawwachuu keenya caalmaatti guddisuun; hooggansi keenya fuuldura bu'ee caalmaatti fiigaa uummata keenyaa fi deeggartoota misoomaa keenya qindeessuu fi muuxannoowwan bal'isuun waggoota shanan itti aanan olka'insa biyyaa keessatti fakkeenyummaa badhaadhina Finfinnee mirkaneessuuf tattaafanna.

Dabalataanis hojiiwwan guyyoota 90 gannaa qabanne keessaa raawwii keenya guyyoota 60 waltajjii marii itti gamaggamnudha
August 30, 2026 154