#Oduu_Cabsaa| Kooriyaan Kaabaa raafama guddaa humna waraanaa ishee olaanoo irratti raawwateen ministeera ittisaa ishee bakka buuteetti.
Biyyattiin Ministira Raayyaa Ittisa Biyyaa Noh Kwang-chol Kim Song-gin bakka buustee jirti jechuun miidiyaaleen mootummaa gabaasan.
Jijjiirraan kun walgahii lammaffaa Komishinii Waraanaa Giddugaleessaa 9ffaa hogganaa Kiim Joong-un durfamu Hagayya 29 (Hagayya 23) irratti ragga’eera.
Ministirri ittisaa haaraa Kiim Soong-giin kanaan dura daayreektarri Biiroo Siyaasaa Olaanaa Waraana Ummata Kooriyaa ta'uun tajaajilaa turan.
Noh Kwang-chol hogganaa giddugaleessaa dhaabichaa ta’uun isaanii malees, itti aanaa daayreektaraa jalqabaa kutaa Industirii Meeshaa Waraanaa Koree Giddugaleessaa Paartii Hojjetoota Kooriyaa ta’uun muudameera. Haa ta'u malee miidiyaaleen mootummaa sababa aangoo gadhiisaniif bal'inaan hin ibsine.
Raafamni hoggantoota waraanaa olaanoo kun kan dhufe yeroo hogganaan Kiim Joong Un caasaa ittisa biyyattii irra deebiin gurmeessuu fi misooma meeshaalee waraanaa ammayyaa saffisiisuu irratti xiyyeeffateedha.
August 30, 2026 111