Fana kessa bekaa ፋና የውስጥ አዋቂ Fana insider: post #24145 — TG.ME

Rippaabliikaa Islaamaa Raashiyaa Keessaa 🇷🇺🕌 Raashiyaan sadarkaa federaalaatti biyya amantii fi siyaasa gargar baaste (sekulaarii) taatus, Rippabliikiin Chiichiniyaa amala hawaasummaa fi (konsarvaatiivii) jireenya guyyaa guyyaa keessatti calaqqisu ifatti qabattee jirti. Chiichiniyaa keessatti, gurgurtaa dhugaatii alkoolii irratti ittifni cimaan ni taasifama. Akkasumas, uffannaan dubartootaa kan kabajamaa fi guutuu ta'e Hijaabni manneen barumsaa, Yuunivarsiitii fi dhaabbata mootummaa keessatti baay'ee mul'ata. Kunis aadaa hawaasichaa irraa kan maddee fi qajeelfama naannichaa uffannaa seera qabeessa ta'e jajjabeessuun kan dhufedha. Kanas ta'ee, Chiichniyaan kutaalee Raashiyaa biroo baay'ee irraa adda taatee argamti. Sababni isaas, bulchiinsa mootummaa Raashiyaa jala deemuun ishee osoo hin hafne, dhuunfaatti addummaa aadaa fi amantii ishee eeggattee, Rippaabiliikoota Raashiyaa keessaa ishee eenyummaa hawaasummaa adda ta'e qabdu tokko ishee taasiseera. Daagistaan fi Taataaristaanis Rippabliikoota Muslimaa Raashiyaa Keessatti argamanii fi baay'ina uummata Muslimaa olaanaa qaban keessaa warra beekamoodha. 🇷🇺

August 30, 2026 96