Fana kessa bekaa ፋና የውስጥ አዋቂ Fana insider: post #24144 — TG.ME

Oduu hatattamaa injifannoo .
Gootichi Raayyaan Ittisa Biyyaa garee finxaaleyyii Raayaa fi Gojam keessa jiru jiddu galeessa godhateera. Tarkaanfiin garee finxaaleyyii Godina Raayyaa Kooboo naannoo Roobitti socho'aa turee fi nagaa ummataa booressaa ture irratti fudhatameen namoonni hedduun ajjeefamanii, namni qindeessaa loojistikii fi faayinaansii garee finxaaleyyii ta'e tokko goota Raayyaa Ittisa Biyyaa keenyaan booji'ameera.

Haaluma walfakkaatuun gareen finxaaleyyii Zoonii Gojaam Bahaa naannoo adda addaatti socho’aa ture marfamee barbadaa’uun isaa mirkanaa’eera.

Duula kana keessattis teefii fi boqqolloo kuntaala 40 ol, meeshaa waraanaa fi koochoo dirree waraanaa, konkolaattota adda addaa qabachuun kan danda’ame yoo ta’u, hidhattoonni hedduun harka kennatan.
August 30, 2026 99