Carraa 'Iskoolaarshiippii Pirezidaantummaa' Addaa Yunivarsiitii… — Extreme Series — TG.ME

Forwarded fromFRFreshman Course
Carraa 'Iskoolaarshiippii Pirezidaantummaa' Addaa Yunivarsiitii Finfinnee!

Yunivarsiitiin Finfinnee bara barnootaa 2019 barattoota ciccimoodhaaf carraa barumsa bilisaa addaa, 'Iskoolaarshiippii Pirezidaantummaa' (Presidential Scholarship) iddoo 200 qopheessuu isaa ifoomseera.

Carraa kanaaf kan dorgomuu danda'an barattoota qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa bara 2018 fudhatanii qabxii 500 fi isaa ol galmeessan, ulaagaalee biroo taa'an guutanii fi qormaata seensaa yunivarsiitichaa (UAT) gahumsaan darban qofa akka ta'e ibsameera. Barattoonni carraa addaa kana argatan sagantaalee digirii jalqabaa kolleejjota yunivarsiitichaa torbaa fi Mana Barumsaa Seeraa jalatti ramadamanii kan baratan ta'a.

Faayidaaleen iskoolaarshiippii kanaa barnoota guutummaatti bilisa ta'e, kaffaltii maallaqa harkaa madaalawaa ta'ee fi deeggarsaa fi leenjii dabalataa dhaabbileen michuu ta'an waliin kennamu kan of keessatti hammatuudha. Akkasumas, barattoonni kunniin gara fuulduraatti carraa barnoota digirii lammaffaa (Masters) fi sadaffaa (PhD) yunivarsiitichuma keessatti bilisaan kan argatan ta'uu eereera. Haa ta'u malee, barattoonni carraa kanatti itti fufiinsaan fayyadamuuf, semisteera hundatti qabxii waliigalaa (CGPA) 3.50 fi isaa ol fiduu kan qabanii fi damee barnootaa itti ramadaman irratti itti fufuun dirqama isaaniiti.

Akkuma kanaan dura gabaasnee turre, galmeen barattoota haaraa sagantaa digirii jalqabaa bara 2019 hanga Hagayya 29, 2018 qofa kan turu waan ta'eef, barattoonni ulaagaa kana guuttan daftanii akka galmooftan hubachiifameera.

Odeeffannoo dabalataaf liinkii asii gadii kana tuquun ilaaluu ni dandeessu:
👉 https://admission.aau.edu.et/UGAnnouncements

https://t.me/Freshmancourse11
https://t.me/Freshmancourse11
❤1
August 31, 2026 161