Guyyaatu dheerate Si arguuf dharra'ee Onneen si jaallatee Qalbiinkoos… — Walaloo keenya — TG.ME

Guyyaatu dheerate Si arguuf dharra'ee Onneen si jaallatee Qalbiinkoos rarra'ee Akka hin quuqne sanyii Aramaa buqqisee Inkirdaada haamee Hundeesaas luqqisee Karaa darba keetii Daandiikee qulleessee Bakkati ooltee bultu Jaalalaan hundeessee Gufuu siin si danqe Gidiraafi eelaa Cinakee hin mittiqne Bara quufaaf beelaa Qamadii facaasnee Yoo safaanes garbuu Waliin dandamanna Rakkoo oolee darbu Sin jaalladha hiriye Aantii qomoo sabaa Guyyaa darbuuf jedhee Sin gatu irbuun qaba.! #Join and #Share 👇👇👇 ❤❤❤❤❤❤❤❤❤❤❤ ❤ ❤ @kuusaa_Walaloo_jaalalaa❤ ❤ @kuusaa_Walaloo_jaalalaa ❤ ❤ @kuusaa_Walaloo_jaalalaa ❤ ❤❤❤❤❤❤❤❤❤❤❤ ❤

❤2
July 30, 2025 488