SIN JAALLA BILISEEKOO •••••••••••••••••••••••• Numan waama lallabaa… — Walaloo keenya — TG.ME

SIN JAALLA BILISEEKOO •••••••••••••••••••••••• Numan waama lallabaa Faana barruukee bu'ee Suman yaada galgala Yaada abjuukee du'ee ~ Nakeessaa mana qabda fooqa worqiin dhaabame Maarsariitii jaalalaa Urjii Tuutaan waamame ~ Mana kiyya luqqiseen ala keetiin ijaaraa Ija jaalalaa libseen Soba jibbaan silaala ~ Waadaan hin du'u jigee Daaleekoos miti daamaa Yaadaaf hin tumu dibbee Ergaa koon sitti dhaama ~ Yaadake kuusee kuusee Cirrifadheen butamaa Siifan imimmaan buusee Hirqee hirqee hudhamaa ~ Jaalalaan naboojitee imimmaan lakkuun roobsaa nyaataa dhugaa huqqadhee Siif jedheen maddii qoorsaa ~ Aadaaf eenyummaa keetu ormayyu qalbii fuudhee Akka baargamoo maashii Anammo dhiiga xuuxe ~ Sidhiisee orman laalu Hin jaalladhu kan biraa Sin dawwalaa dubbadhu Narraa kaasi bilbila ~ Alkan guyyaa sin yaadaa herreegee hin tilmaamnee Sin joora sin jawwaraa dhugaatii hin dharraane ~ Lubbuuko siifan laadha Fudhu hin qabuu cubbuu Gubadhus giimii bu'ee Siifan woreega lubbuu ~ Abdii kiyyan Abjootaa Alkan irriba dhabee Godaannisa onneekoo sinan fottoqee cabe ~ Hicitii jiruu kootii Siifan qooda dhoksaatti Of to'achuu dadhabee dhokseen boo'a qobaatti ~ Jaalala kootiif joortaa Ofin furre nagattee Daggala loomii soortaa Foonin murre agartee ~ Sin jaalla biliseekoo Kaayyoonkee galma kootii Sin faarsa didicheesoo Baasee keessa kootii #Join and #Share 👇👇👇 ❤❤❤❤❤❤❤❤❤❤❤ ❤ ❤ @kuusaa_Walaloo_jaalalaa❤ ❤ @kuusaa_Walaloo_jaalalaa ❤ ❤ @kuusaa_Walaloo_jaalalaa ❤ ❤❤❤❤❤❤❤❤❤❤❤ ❤

❤1
July 29, 2025 386