Qarshiin wol jijjiiruu Jaalala gidduu keenyaa Kuttee akka kirriittii Otuun siif qalbii dhabuu Na jijjiirteem birriittii Dhabiinsa koo tuffattee Garaa murattee narraa Ofiif banattee baatee Maaf natti cufta karra Qabeenyatti amantee Kan cirtee nyaattu waadaa Harra akka feete taatus Bor kan sinyaatu yaadaa Qabeenya bultee badduuf Kan waadaa diigdu atii Eenyuunuu bira deemtee Homaa hin qabdu gatii Otuu beektee jaalalli Kan caaluudha qabeenyaa Ati deemteetta jedhee Ani hin gaddu dhabeenyaa Kan amma lafaa kaatee Jijjiiramte saatiittii Borimmoo maal taataree Qarshiin dhumnaan baatiittii Silattuu qabeenyi kun Fixeensa ganamaatii Karra ati natti cuftes deem narraa banamaatii Deegeetan hafa seetee Kan barbaadde isa qabuu Atis beenu karaa kee Anis hiree koon dhabuu Anis akka garaa koo Atis akka garaa kee Erga taanee deemigaa Qabadhuutii karaa kee #Join and #Share 👇👇👇 ❤❤❤❤❤❤❤❤❤❤❤ ❤ ❤ @kuusaa_Walaloo_jaalalaa❤ ❤ @kuusaa_Walaloo_jaalalaa ❤ ❤ @kuusaa_Walaloo_jaalalaa ❤ ❤❤❤❤❤❤❤❤❤❤❤ ❤
1