Qubni tee hanxaaxii Migira magartee Yoo harka na fuutu Ijji koo agarte! Harbuun laphee keerra Akka gaafaa dhaabbatee Yaadni kee wal guuree Qalbii koorra yaabbate! Libsuu ija keetii Yoommuu bantee cuftu Nadhii gorora kee Yoo hin liqimsiin tuftu... Ani booji'ameen Dhungoo keef gaggabaa Gaaddidduu koo waliin Dubbii kee jalqabaa! Wayyoo natti fiigdaam Hin jettu waareef waarii Maaloo natti mul'adhu Argaa keen na mararii #Join and #Share 👇👇👇 ❤❤❤❤❤❤❤❤❤❤❤ ❤ ❤ @kuusaa_Walaloo_jaalalaa❤ ❤ @kuusaa_Walaloo_jaalalaa ❤ ❤ @kuusaa_Walaloo_jaalalaa ❤ ❤❤❤❤❤❤❤❤❤❤❤ ❤
July 23, 2025 421