Gaafan waayee kee yaadu Halkan hirribarraa weerara Takka siif walaleesseen Takkammo sirbee geerara Nan rafa jedhee ciisus Sireen koo naan mijaa'u Nan nyaadha nan dhuga Nyaannis naan sifaa'u Yaanni kee wal guuree Marsee natti yuusa Karaatii na baasee Hallayyaa na buusa Walgayii namoota gidduutti Kophummaa sodaadha Yaadaan si duukaa barrisee Booddee kankee kaadha Otoon nyaadhuu beela'ee Otoo dhuguu dheebodha Guyyaa aduu saafaan Otoon rafin aabjodha Waarii kophaa koo taa'een Urjii samiirraa lakkaa'a Yaada keen joonja'ee Otoon dhugin machaa'a Akkan kan biraa in yaadne Gaaditeerta miira koo Akkan ka'ees hin deemne Na hiiteerta miila koo Namummaan koo onee Miiraaf miilli koo gu'eera An sichi hin jiraadhu Si keessatti du'eera Yoon du'es nan fayya! Atumti na yaali Yookiin du'aa mana kee Baasii na awwaali! #Join and #Share 👇👇👇 ❤❤❤❤❤❤❤❤❤❤❤ ❤ ❤ @kuusaa_Walaloo_jaalalaa❤ ❤ @kuusaa_Walaloo_jaalalaa ❤ ❤ @kuusaa_Walaloo_jaalalaa ❤ ❤❤❤❤❤❤❤❤❤❤❤ ❤
Gaafan waayee kee yaadu Halkan hirribarraa weerara Takka siif… — Walaloo keenya — TG.ME
Forwarded fromKuusaa Walaloo Jaalalaa
July 21, 2025 400