Nan_qabin_siifan_du'aa! Jaalala Koo siif ibsuuf Hanqannaan jechaaf… — Walaloo keenya — TG.ME

#Nan_qabin_siifan_du'aa! Jaalala Koo siif ibsuuf Hanqannaan jechaaf bakki Keessootti utuun gubadhuu Erguma fiddee shakkii! Amanamummaan kiyya Erguma dhabee bu'aa Akkati na amantuuf Nan dhorkin siifan du'aa! Dhugaan si jaalachuukoo Erga hin hubannee ati Lubbuun jiraachuun anaaf Homaa maal qaba gatii? Anoo dhaga'uu dideen Dheekkamsa maatiif firaa Hunda keessaa filadhee Kunoo si waliin jiraa! Gurrikoo si dhaga'ee Ormaaf immoo duuduunsaa Onneen koo siif banamee Ofirratti si muuduunsaa Waamicha kee owwaadhee Sakaalamaa gufuuni Bakkaaf yeroo feetetti An sibira dhufuuni, Ijaan si qofa laalee Kan biraa lagachuuni Suma qofaaf jiraadhee Ofillee dagachuuni! Waanan si jaalluuf malee Narraa qabdaaree 'idaa'? Ijjikee kana argaa Maaliif amanuu didaa? Egaa...... Jaalala jechaa malee Ergan beeknee kan gochaa Hin jiraadhu nan qabin Du'een siif jiruu tolcha! #Join and #Share 👇👇👇 ❤❤❤❤❤❤❤❤❤❤❤ ❤ ❤ @kuusaa_Walaloo_jaalalaa❤ ❤ @kuusaa_Walaloo_jaalalaa ❤ ❤ @kuusaa_Walaloo_jaalalaa ❤ ❤❤❤❤❤❤❤❤❤❤❤ ❤

👎1
July 19, 2025 377