Argaa guyyaa tokkootiin Keessa koo na lixxee Jabina onnee koo… — Walaloo keenya — TG.ME

Argaa guyyaa tokkootiin Keessa koo na lixxee Jabina onnee koo Jaalalaan nyaattee fixxe Anoo eegee hin beekuu Jaalalaanan qabamaa Akkanatti booji'amee Akkan ta'u dhabama Jaalalli naaf haaraadha Sirrattan eegalee Siichi na yaaddessuu Bagan si argadhe malee Akkam jedheen si ibsa Biiftuu fakkii addeessaa Qarree guntunni loomii Lookoo ilkaan baddeessaa Iftuudhaam ati mucee Akka biftuuf addeessa Mana ijjaarratte qabda Gola onnee koo keessaa Si dubbisa keessii ko Taatee akka kitaaba Onneen ko ol si galche Taa'iif teessoo siif dhaaba Hojii ko keessa galte Si naaf baasa karooraa Dhunfaa ko si godhachuf Taa'een yaada koon jooraa Yaada kootin badeen Si keessatti argamaa Naaf hubadhu dhiphuuko Si argachuun dirqamaa Na fuutetta kiyya qalbii Nan barrisa dugdaan ciise Natti cima jiraachun Ya jaala ko yoon si dhiise Cookkoo galtee natti dhufte Natti hin galiin bita bitaa Humnaan dhuftee keessa galte Lafee sammuu na qorqitaa Naafis yaadii miidhamakoo Dugda galtee nan dhiibini Haqa haqa natti himii Soba sobde nan sobinii Onnee kan kee dhaggeeffadhu Deebii sirrii naaf gabaasii Dhara gubbaa dhaabbadhuuti Dhugaa jiru bakkee baasii Na qirqixa jaalalli kee Na dhowwatee nagaaf tasgabbii Garaan koommo siif adiidha Qulqulluudhaa dhugaa Rabbii #Join and #Share 👇👇👇 ❤❤❤❤❤❤❤❤❤❤❤ ❤ ❤ @kuusaa_Walaloo_jaalalaa❤ ❤ @kuusaa_Walaloo_jaalalaa ❤ ❤ @kuusaa_Walaloo_jaalalaa ❤ ❤❤❤❤❤❤❤❤❤❤❤ ❤

July 3, 2025 494