#DHABAT_SI_NA_DHABSIISE ====================== Xiyya jaalala sobaan Dhaatee Onnee na raaftee Jaalala gatachiiftee Gatte qubeellaa baaftee Qubeellaa waadaa baaftee Jettee ati oo fudhuu Hin jiraadhu si malee Jirtaa ati koo Lubbuu Fakkii fakkii fakkeessuuf Jaarraaf sobdee jiraattee Jette sobdee onneen koo Seseeqatte si laaltee Sobdeetu irraan seeqxa Summii kuuse keessi kee Na miiteef haa gufatu Anin jedhu deemsi kee Jette sobdee sin ganuu Beela'ees yoon agabee Beeka hubadhe ammaa Dhabaaf akkan si dhabee Sobaan Onnee na hatuuf Jette an siif gubadhee Dhabat-si na dhabsiisee Amma kunoo hubadhee Hin dhabin kan hojii kee Argadhu yaa Hiyyummaa Jaalalaafi firummaa Kan gachiiftu Biyyummaa #Join and #Share 👇👇👇 ❤❤❤❤❤❤❤❤❤❤❤ ❤ ❤ @kuusaa_Walaloo_jaalalaa❤ ❤ @kuusaa_Walaloo_jaalalaa ❤ ❤ @kuusaa_Walaloo_jaalalaa ❤ ❤❤❤❤❤❤❤❤❤❤❤ ❤
1