Breaking_News 🏦 Baankiin Biyyooleessaa akeekkachiisa baaseen… — AMU TECH — TG.ME

#Breaking_News

🏦  Baankiin Biyyooleessaa akeekkachiisa baaseen, qabeenya dijiitaalaa (Digital Asset) kamiyyuu erguun, bituun, ittiin daddabarsuu fi exchanges adda addaa irratti kaahuun dhorkaa ta'uu isaa beeksiseera.

✔️ Kanaan dura daddabarsi P2P qofti kan dhorkame ture ta'us, ammma garuu platform-oota akka Binance fayyadamuuni fi isaan irratti qabeenya dijiitaalaa adda addaa kuusuun hojii seeraan alaa ta'uu ibsa kaleessa baaseen hubachiiseera.

➡️ ​Gara fuulduraatti Itiyoophiyaa keessatti platform-oonni Exchange ta'an cufamuun isaanii carraa ol aanaa waan qabuuf, hordoftoonni chaanaalii kanaa of eeggannoo godhaa.

Haala kamiyyuu keessatti bilbilli keessan sakatta'amuu waan danda'uuf, app-oonni exchange kunniin fuula dura bilbila keessanii irratti mul'achuu dhabuu isaanii mirkaneeffadhaa.

Haalli kun kanaan kan itti fufu taanaan, (trade) mataan isaa dhaabbachuu danda'a.


https://t.me/AmuTechn
https://t.me/AmuTechn
😢8❤3
July 24, 2026 1.6K