#ARGATINNUU_LAATA...?
Abbaa manaafi haadha manaadha. Edda wal fuudhanii waggoota 12 lakkoofsisanii jiru. Haga kana waliin jiraatanillee, dhala godhachuu hin dandeenye. Kun madda dhiphina isaanii yeroo hundumaati. Si'a tokkollee ta'u, dhala dhabuun isaanii kun ajandaa isaanii hin ta'iin oolee bulee hin beeku. Dhiphachuu qofaanis hin dhiifne. Yeroo yerootti mana yaalaa deemuun furmaata barbaadaa turanii jiru. Wareega meeqas wareeganii jiru. Yeroo dheeraaf obsuufi furmaata dhabuun booda, wal hiikuufillee yeroo baay'ee dhumarra gahanii deebi'aa turani.
Kana hunduma keessatti, kan dhiphina lama dhiphachaa jiru haadha warraadha. Tokko kan dhala dhabuu, inni biraan dhiibbaa karaa garagaraa irratti ta'u! Abbaan warraa 'dhala naaf godhachuu dhabde' jedhee itti guunguma, maatiin abbaa warraa 'ilma keenya dhala malee habifte' jedhanii guyyaa isheen qe'ee isaanii gadhiiftee deemtu eeggatu, ollaafi naannoon, akkanuma hiriyyoonni 'dhala dhabuu' jedhanii quba itti qabu. Dhiphina maatiin isheen isheef dhiphatanis ni dhiphatti. Kana irraan kan ka'e, si'a baay'ee lubbuu ishee balleessuuf yaalii gootee jirti.
Yeroo mana yaalaa deeman hunda, jalqabaa kaasee akka isheen dhala godhachuu hin dandeenyeetti himatti. Sababa ka'umsa dhala dhabuushee baruuf qorannaan hafe tokko hin jiru. Akanuma wareegni wareegamu hundis akka isheen dhala godhachuu dandeessuufidha malee namni waan biraa shakkee beeku hin jiru. Asittidha dogoggorri guddaan!
Amma qe'ee gadhiiftee deemuun dura carraa dhumaa yaaluu akka qaban irratti walii galani. Bakka dura itti yaalamaa turtee irraa rifeerii fudhatanii hospitaala biraa deemani. Bakki kun bakka itti furmaanni argamedha. Asitti haadha warraa qofa irratti hin turre kan qorannaan guutuun godhame, abbaa warraas kan dabalate ture.
Haga ammaayyuu inni qoratamuuf eeyyamamaa hin turre ture. Sababni isaas, osoo haadha warraa isaa ishee kana hin fuudhiin dura haadha warraa biraa irraa mucaa tokko qaba ture. Isheen mucaa tokko deesseen booda boqottee jirti. Kanaaf namni isa shakke tokko hin turre. Waan nama ajaa'ibu garuu, kan dhala godhachuu hin dandeenye abbaa warraa ta'ee argame. Kana qorannoo yaalaatu mirkaneesse. Sanaan booda gara yaala furmaata fiduu danda'utti itti fufame. Argatinnuu laata....?
Argitanii? Dhala dhabuun rakkoo dubartootaa qofa fakkaatee mul'achuu har'allee itti fufee jira. Garuu dubbiin akkana miti; dhala dhabuun dhukkuba sirna wal hormaataa dhiiraafi dhalaati. Rakkoon dhala dhabuu yoo maatii tokko keessatti mudate, abbaan warraafi haati warraa sababa ka'umsa ta'uuf carraa wal qixaa qabu (Sababa dhiiraan 30%, sababa dhalaan 30%, sababa lachaniin 30%, kan sababni isaa hin beekamnen 10 %). Akkanuma, kanaan dura dhala qabaachuun dhala dhabuu jalaa bilisa nama hin baasu. Waan yeroon boodaa mudachuu danda'udha.
Kana hundachuu dhabuun miidhama xiin-sammuu gam-tokkee, jeeqama maatiifi hawaasummaafi qisaasa'insa diinagdee hammana hin jedhamne fida. Akkanuma ka'umsi dhibee kanaa akka yeroon hin argamne godha. Kanaaf, dhala dhabuun rakkoo dubartootaa qofaa jennee yaaduufi fudhachuu irraa of qusachuu qabna. Dhala dhabuun dhukkuba sirna wal hormaata dhiiraafi dhalaati. Kana kudhaammadhaa, waliif qoodaas!
Fayyaa hin dhabiinaa!
Dr. Abdiisaa Ejjetaati
@Orobook
Forwarded fromDr. Abdisa Ejeta
11
4July 25, 2026 2.3K 2