Bu'aan kutaa 12ffaa yoom ifooma? ⁉️ Bu'aan qormaata kutaa 12ffaa bara… — ABDII SABBA — TG.ME

💠Bu'aan kutaa 12ffaa yoom ifooma? ⁉️ Bu'aan qormaata  kutaa 12ffaa  bara 2016 yoom akka ifoomsu ergaawwan hedduun BBO bira gaheera. Hoggansi olaanaa Tajaajila Madaallii fi Qormaata Barnootaa bu'aan qormaata ba'uu yoom akka ifoomsu akka gaafatan gaafanneerra. Qondaalli kun ''sirreeffamni qormaataa of eeggannoodhaan raawwatamaa jira'' jechuun ibsaniiru. Sirreeffamni erga xumuramee booda karaa miidiyaatiin ibsi ni kennama jedhaniiru. "Sirreeffamni kun of eeggannoo fi saffisaan kan raawwatamaa jiru yoo ta'u, bu'aan isaas yeroo dhiyootti kan ifoomu ta'a" jechuun qondaalli kun akeekaniiru. 🔈Share Godhaa Barattonii Bayyen wan nuu gafatta turaniif. https://t.me/ABDII_SABBA

September 2, 2024 3K 27 11