Galmeen_Barattootaa Jalqabamuuf #Guyyoota_Hojii 3 Qofatu Hafe… — ABDII SABBA — TG.ME

#Galmeen_Barattootaa Jalqabamuuf #Guyyoota_Hojii 3 Qofatu Hafe.
---------

BBO- 21/12/2016 Dureessa hiyyeessa, dhiira dubara jennee otuu adda hin baafne ijoolleen  Umriin Isaanii Barnootaaf Gahan Hundi Gara Mana Barnootaa Dhufanii Haa Galmaa'an! Haa baratan!
#Galmeen_Hagayya_27/2016 eegala.

Ergaa kana galmaan gahuuf immoo,
#Maatiin ijoollee
#Guddiftootni ijoollee
#Ollaan
#Caasaan Gandaa
#Abbootiin Gadaa
#Haawwoliin Siinqee
#Abbootiin Amantii
#Miidiyaan Hawaasaa
#Miidiyaan Uwwisa bal'aa qabu (Mass Midea) hundi daa' imni umriin isaa/ishee waggaa, 5fi ol ta'an gara Mana Barnootaa akka dhufan gahee nurraa eegamu gumaachuun dirqama lammummaa haa baanu.

Barattoota Mana Barnootaa Bu'uura Baruu irraa hanga kutaa 12ffaa jiran hundi sagantaa galmeef bahetti fayyadamuun haa galmaa'an.
#Guyyaan_galmee_Hagayya 27/2016 kan jalqabu yoo ta'u,
#Galmeen_kan_xumuramu immoo, Qaam'ee 5/2016 ta'a.

#Dafaa_Galmaa'aa! Galmeessisaa!

Bara barnootaa 2017 Oromiyaa Keessatti daa'imni #umriin_barnootaaf_gahe_tokkollee mana barnootaa alatti akka hin hafne gahee keenya haa gumaachinu!

https://t.me/ABDII_SABBA
👍7❤1
August 28, 2024 2.8K 2 3